Fana: At a Speed of Life!

Dorgommii Paan-Afrikaan Naannoon Oromiyaa koorniyaa lamaaniin shaampiyoonaa ta’e

Finfinnee, Mudde 25, 2015(FBC)-Wal morkii manneen barnootaa naannolee guyyoota sadiif Adaamaatti gaggeeffamaa tureen Naannoon Oromiyaa Koorniyaa lameenin Ityoophiyaa bakka bu’uun walmorki manneen barnootaa Paan Afrikaarratti akka hirmaatu mirkaneeffate.

Qopheessummaa Taanzaaniyaatiin kan gaggeeffamu walmorkii manneen barnootaa biyyoota Bahaafi Giddugaleessa Afrikaaf darbuuf taphni gulaallii manneen barnootaa naannoolee Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa ture goolabameera.

Wal morkii manneen barnootaa kanaan Manni Barnootaa Adaamaa Sadarkaa 2ffaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee injifachuun Ityoophiyaa bakka bu’uun waldorgommii manneen barnootaa Afrikaarratti akka hirmaatu mirkaneeffateera.

Haaluma walfakkaatuun, ramaddii shamarraniin Manni Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Amboo Magaalaa Finfinnee injifachuun hirmaannaa isaa mirkaneeffateera.

Bara darbe walmorkii manneen barnootaa Paan Afrikaa kanaan dhiirotaan Manni Barnootaa Awwaroo Sadarkaa 2ffaa, shamarraniin ammoo manni barumsaa Diillaa sadarkaa 2ffaa Ityoophiyaa bakka bu’anii hirmaachuun isaanii kan yaadatamuudha.

Dajanuu Gonfaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.