Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiiwwan ofiin akka of-bulchan mirkaneessuun gaaffiiwwan faayidaalee garaagaraa  deebisuu dandeessisa-MB

Finfinnee, Mudde 25, 2015(FBC)- Yuunivarsiitiiwwan ofiin akka of-bulchan mirkaneessuun qulqullina barnootaa eegsisuurra darbee gaaffiiwwan faayidaalee garaagaraarratti ka’an  deebisuu kan dandeessisu ta’uu Ministeerri Barnootaa ibse.

Dhaabbileen barnootaa bilisa hin ta’iin bilisummaan hojjechuu, beekumsa isaanii qooduufi hojii isaan irraa eegamu ba’achuu kan hin dandeenye ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa Dooktar Saamu’eel Kifleen eeraniiru.

Kanumarraa ka’uun Ministeerri Barnootaa yuunivarsiitiiwwan biyyattii ofiin akka of-bulchan taasisuun ijaarsa biyyaarratti gaheesaanii akka ba’ataniif sochii taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Yuunivarsiitiiwwan ofiin of-bulchuun isaanii bilisummaa dhaabbatummaa isaanii kan mirkaneessu ta’uu kaasaniiru.

Sirna barnootaafi madaallii isaanii bilisa ta’anii qopheessuun ijaarsa biyyaarratti qooda isaanii akka ba’atan kan taasisu jedhaniiru.

Salamoon Yittaayawutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.