Fana: At a Speed of Life!

Balaa abiddaa magaalaa Sireetin miidhaan ga’e

Finfinnee, Gurraandhala 26, 2012 (FBC) – Balaa abiddaa magaalaa Sireetti qaqqabeen miidhaan qabeenyaa fi qaamaa namootarra ga’eera.

Godina Wallaga Bahaa aanaa Sibuu Siree magaalaa Sireetti balaa abiddaa mudateen manneen daldalaa fi jireenyaa 15 yoo gubatan  miidhaan qaamaa cimaan namoota 15 irra qaqqabeera.

Ka’umsi balaa kanaa maal akka ta’e qulqullaa’aa jira jedheera Waajjirri Dhimmoota Koominikeeshinii Aanaa Sibuu Siree.

Balaa uumame kanaan manneen daldalaa akka uffataa, kophee, bilbila sochootuu, shaqaxaa akkasumas manneen miidhagina rifeensaa fi manneen jireenyaa gubataniiru.

Balaa abiddaa kanaan qabeenyi manneen kana keessa jiru guutummaatti barbadaa’era.

Namoota balaa kanaan miidhaman 15 keessaa 3 riifar ta’uun gara Finfinneetti yoo ergaman, namni 2 Hoospitaala Naqamteetti, namoonni 10 ammoo Hoospitaala Sireetti yaalamaa jiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.