Sosochiin ” Ityoophiyaan haa Oomishtuu ” naannoo Harariitti gaggeefamaa jira
Finfinnee, Mudde 22, 2015(FBC)- Sosochiin ” Ityoophiyaan haa Oomishtuu ” naannoo Harariitti gaggeefamaa jira.
Pireezidaantiin naannoo Hararii Obbo Oordiin Badriin saganticharratti haasawaa taasisaniin, Ityoophiyaan dhiibbaa alaafi keessaa dandamachuun diinaagdee cimaa ijaaraa jiraachuu ibsaniiru.
Sosochii Ityoophiyaan haa oomishtu jedhuun jijjiiramniifi bu’aan argame kan dinqisiifatamu ta’uu kaasaniiru.
Naannichattis hojii damee tuurizimiifi indaastiriin hojjetaman karaa hundaan deeggaruuf mootummaan kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
Ministir Deetaan Ministeera Indaastirii obbo Hasan Mahaammad gamasaaniin, hanga meeshaalee alaa galanii xiqqeessuuniifi al-ergii guddisuun carraa hojii uumuu babal’isuuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Oomisha biyya keessaatiin boonuufi binnee itti fayyadamuun oomishtummaa guddisuuf waliin haa hojjennu jedhan.
Yaasin Shamsuddiintu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.