Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Qilleef rakkoon dhiyeessii Oomishaalee akka hin mudanne hojjetamaa jira – BDO

Finfinnee, Mudde 21, 2015 (FBC) – Ayyaana Qilleetti rakkoon dhiyeessii Oomishalee akka hin mudanne hojjechaa jiraachuu Biiroon Daldalaa Oromiyaa beeksiseera.

Ayyaana Qilleetti rakkoon dhiyeessii akka hin mudanne qophiin barbaachisu xumuramuu biirichatti Daayreekterri Gabaa Beelladaa fi Bu’aalee Beelladaa Obbo Silaashii Baqqalaa Faanaa Biroodkastiing Korporeetitti himaniiru.

Rakkoon dhiyeessii akka hin muddanne Biiroo Daldaala magaalaa Finfinnee fi fedeeraala waliin ta’uun hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Dhiyeessii Oomishalee qonnaa walqabatee bulchinsaa magaalaa Finfinnee dabalatee magaaloota Oromiyaa gurguddoo keessaatti Oomisha kuduraa fi Muduraalee, Horii dhaabbii fi bu’aalee Beelladoota bal’inaan dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu obbo Silaashiin ibsaniiru.

Meeshaaleen bu’uuraa kanneen akka Zayitii fi Sukkaaraa gahaan gabaaf dhiyaachaa jiraachuu Obbo Silaashiin eeraniiru.

Faddaaltoota seeraan alaarratti tarkaanfiin qindoomina qabu olii hanga gadiitti akka fudhatamuuf kallattiin kaa’amuu dubbataniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.