Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi baatii Amajjii irraa eegalee hanqinni dhiyeessii Sukkaaraa kan furamu ta’uu ibse

Finfinnee, Mudde 21, 2015(FBC)- Baatii Amajjii dhufu irraa eegalee hanqinni dhiyeessii Sukkaaraa kan furamu ta’uu Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsi Naannawaa beeksise.

Warshaaleen sukkaaraa hojii dhaabanii turan gara hojiitti wayita deebi’an baatii Amajjii dhufu irraa eegalee hanqinni dhiyeessii sukkaaraa kan furamu ta’uu ministeerichi ibseera.

Sababa rakkoo nageenyaafi hanqina meeshaalee jijjiirraan warshaaleen sukkaaraa oomisha dhaabanii turuufi sababa hanqina sharafa alaan sukkaarri alaa bitamee galuu dhabuun baatiiwwan muraasa darbanitti hanqina dhiyeessii sukkaaraa uumuu yaadachiifameera.

Rakkicha furuuf hojii hojjetameen hanga ammaatti warshaaleen sukkaaraa afur oomisha eegaluu ibsameera.

Warshaaleen sukkaaraa Wanjii, Oomoo2 fi Oomoo 3 akkasumas Fincaa’aan oomisha waan eegalaniif ayyaana Qillee Mudde 29, 2015tti kabajamuuf naannoleen, bulchiinsonni magaalaafi dhaabbileen sukkaara fayyadaman biroon qooda isaanii %25 argachuu kan danda’an ta’uu ibsameera.

Oomisha sukkaaraa biyya keessaa dabalataan kan alaa galu bittaan raawwachuufi baatii Amajjii dhufu irraa eegalee qooda raabsaa %100 irraan gahuun kan danda’amu ta’uu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.