Oromiyatti Duulli Talaallii dhibee Gifiraa eegalame
Finfinnee, Mudde 21, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti duulli talaallii dhibee gifiraa hanga Muddee 29, 2015 laatamu har’a eegalameera.
Haaluma kanaan Godina Harargee Bahaatti Daa’imman kuma 600 oliif Talaallii Dhibee Shiiftoo ykn Gifiraa laachuun har’a duulaan eegalameera.
Aanaalee godinicha 20 fi bulchiinsa magaalaa 4 keessatti daa’imman umrii 5 gad ta’an kumni 600 talaallii kana ni fudhatu jedhame.
Akkasumas Godina Baalee bulchiinsa magaalaa Goobbaa fi aanaalee godinichaa hunda keessatti duulli talaallichaa jalqabeera.
Gandoota godinichaa 226, hospitaala 4, buufata fayyaa 56 fi keellaa fayyaa 223 keessatti daa’imman kuma 200 fi 464f talaallii laachuuf karoorfamee har’a ifatti eegalamuu himameera.
Nageessoo Kadirtu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.