Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ityoophiyaa kumni 20 ol gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Mudde 21, 2015 (FBC)- Sadaasa 12, bara 2015 irraa eegalee hojii lammiilee gara biyyaatti deebisuu gaggeeffameen hanga ammaatti eegalee lammiileen Ityoophiyaa kumni 20 ol gara biyyaatti deebi’uun ibsame.

Lammiileen kunneen Saa’ud Arabiyaattii rakkoolee garaagraa keessa kan turan yoo ta’u, hanga ammaatti dhiirota kuma 19 fi 689, dubartoota kuma 2 fi 673, daa’immaan 724 fi guddattoota umriin isaanii 15 gadii ta’uun eerameera.

Ammallee hojiin lammiilee gara biyyaatti deebisuu kan itti fufe yoo ta’u, kaleessaa lammiileen 421 gara biyyatti deebifamuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.