Horiin dhaabbii fi Jimaan karaa seeraan alaa biyyaa ba’uuf turan to’ataman
Finfinnee, Mudde 21, 2015 (FBC) – Sirna Gumrukaan ala Horiin dhaabbii fi Jimaa Jiidhaan karaa seeraan alaa biyyaa ba’uuf ture Birrii miiliyoona 63 olitti tilmaamamu to’atamuu Komishiniin Gumrukaa beeksiise.
Muddee 14 – 16, 2015 hordoffii taasiifamaa tureen Horiin dhaabbii fi Jimaa jiidhaan karaa seeraan alaa biyyaa ba’uuf ture Birrii miiliyoona 63 olitti tilmaamamu to’atamuu komishinichi ibseera.
Damee Gumrukaa Jigjigaatti Horii fi Jimaan Birrii miiliyoona 46 ol baasan, Damee Dirree Dhaawaatti ammoo Horii fi Jimaan Birrii miiliyoona 17tti tilmaamamu to’atamuu ragaan Komishinii Gumrukaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.