Fana: At a Speed of Life!

Kaalifoorniyaan vaayrasii koroonaan walqabatee labsii yeroo muddamaa labsite

Finfinnee, Gurraandhala 26, 2012 (FBC) – Bulchiinsa Kaaliforniyaatti namni tokko vaayrasii koroonaatin du’uun walqabatee bulchiinsichi labsii yeroo muddamaa labseera.

Ameerikaatti namoonni vaayrasii koroonaatin lubbuun isaanii darbe 11 ga’eera.

Namoota 11 lubbuun darban keessaa 10 kan galmaa’an bulchiinsa Waashiingitan Diisiitti yoo ta’u, Teeksaasii fi Neebraaskaamitti mallattoon vaayrasichaa argameera.

Guyyaa kaleessaa guutummaa Ameerikaatti qorannoon vaayrasii koroonaa akka gaggeeffamuuf qajeelfamni diriirera.

Wayita ammaa  Ameerikaa keessatti namoonni 150 ol vaayrasichaan qabamuun deeggarsa yaala fayyaa argachaa jiru.

Namoonni vaayrasichaan qabaman kenneen bulchiinsoota Ameerikaa 16 keessatti akka argaman ibsameera.

Bulchiinsi Waashiingitanii fi Filooriidaa vaayrasicha ittisuuf labsii yeroo muddamaa labsaniiru.

Kaalifoorniyaatti vaayrasii koroonaan kan du’an maanguddoon umurii 71 baatii Faranjootaa darbe dooniin Saanfiraansiiskodhaa gara Meeksikoo daawwannaaf deemaniit turan.

Dooniin kun imala birootin namoota baayyee fe’ee galaana Jaappaanirra akka dhaabbatu dirqamsiifamee kan ture yoo ta’u, imaltoota hedduurratti vaayrasiin koroonaa argameera.

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.