Fana: At a Speed of Life!

Warshaaleen simmintoo humna guutuun hojiitti seenuu qabu jedhame

Finfinnee, Mudde 20, 2015(FBC)- Fedhii fi dhiyeessiin simmintoo akka walmadaaluuf warshaaleen simmintoo hundi humna guutuun hojiitti seenuu akka qaban ibsame.

Waldaan oomishtoota simmintoo fi waldaan abbootii qabeenyaa oomishtoota simmintoo waloon ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin, rakkoolee nageenyaan, hanqina sharafa alaatiin oomisha kan dhaabanii fi humna guutuun warshaaleen oomishan jiraachuu kaasaniiru.

Kanumaan walqabatee warshaaleen simmintoo haaraan ijaarsa isaanii saffisiisuu akka qaban eerameera.

Oomisha dhaabee kan ture warshaan simmintoo Masaboo yeroo dhiyootti hojii akka eegaluu ibsameera.

Kanneen gurgurtaa qinxaaboorratti bobba’anis gatii simmintoo maxxansuu akka qaban hubachiifameera.

Zabiib Takalaayii fi Masafinti Iyyaayyuutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.