Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Oromiyaa fi Manni Marichaa tajaajila baankii dhalarraa bilisaa bal’isuuf walii galan

Finfinnee, Mudde 20, 2015 (FBC) – Baankiin Oromiyaa fi Manni Maree waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa tajaajila baankii dhalarraa bilisaa babal’isuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaa fi Hojii Gaggeessaa Olaanaan Baankii Oromiyaa Tafarii Makonnin waliigalticha mallatteessaniiru.

Waliigaltichi tajaajila baankii dhalarraa bilisaa Baankiin Oromiyaa dameewwan isaa 32 keessatti kennaa jiru saffisaa fi qulqullinaan itti fufsiisuf akka ta’e eerameera.

Sheek Hajii Ibraahim Tufaan, Manni Maricha baankii tajaajila dhalarraa bilisa ta’e hawaasa Musiliimaaf jalqaba hundeesse waliin hojjechuu kan itti fufu ta’uu dubbachuu isaanii EBCn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.