Fana: At a Speed of Life!

Miidiyaaleen dhimmoota hariiroo uummattootaa cimsan irratti xiyyeeffachuu qabu- hirmaattota waltajjii uummataa Shiree

Finfinnee, Mudde 19, 2015(FBC)- Miidiyaaleen dhimmoota hariiroo uummattootaa cimsan irratti xiyyeeffachuun hojjechuu qabu jedhan hirmaattonni waltajjii marii uummataa magaalaa Shiree.

Lammiileen qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’an akka deebi’an, deeggarsi namoomaa cimee akka itti fufu, manneen barnootaafi tajaajilli geejjibaa ariitiin akka eegalan akkasumas miidiyaaleen dhimmoota hariiroo uummattootaa cimsan irratti xiyyeeffachuun akka hojjetan hirmaattonni marichaa gaafataniiru.

Dacheen Tigraay sagalee rasaasaa osoo hin taane oduu misoomaa dharra’a kan jedhan hirmaattonni, kanaan booda rakkooleen jiran waraanaan osoo hin taane mariin furamuu qabu jedhan.

Kanaaf ammoo abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaafi hayyoonni gahee isaan irraa eegamu ba’achuu akka qaban dhaamaniiru.

Afawarq Iyyaayyuu, Layikun Alam, Taarikuu Waldasanbatiifi Hirphoo Shibootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.