Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii hoggantoota paartilee siyaasaa, dhaabbilee Hawaasaa Siivikiifi hayyootaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Mudde 19, 2015(FBC)- Waltajjiin marii hoggantoota paartilee siyaasaa, dhaabbilee Hawaasaa Siivikiifi hayyoota dhaabbilee barnoota dhuunfaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

Marichi qaama marii hayyootaa kanaan dura mata duree” Ijaarsa biyyaafi gahee hayyootaa” jedhuun gaggeeffamee turee ta’uu eerameera.

Kaayyoon marichaa hayyoonni dameewwan garaagaraa keessa jiran dhimma biyyaarratti waliin mari’achuun gahee isaanii akka ba’atan taasisuuf ta’uu ibsameera.

Kana malees hojii nageenya waaraa mirkaneessuuf hojjetamaa jiran irratti hayyoonni qooda isaanii akka ba’atan taasisuuf ta’uu addeessameera.

Dabalataanis, hayyoonni dhaabbilee barnootaa dhuunfaa keessa hojjetan furmaatawwan qorannoorratti bu’uureffaman akeekuun ijaarsa biyyaa keessatti shoora isaanii ba’achuu akka danda’an taasisuuf ta’uu ibsamuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.