Fana: At a Speed of Life!

Xaa’oon biyyee meetirik toonii kuma 57 ol Jibuutii qaqqabe

Finfinnee, Mudde 19, 2015 (FBC)- Omisha bara 2015/2016’f xaa’oo biyyee toonii kuma 57 fi 295 Morookoorra fe’ame Jibuutii qaqqabuun ibsame.

Dhaabbanni Tajaajila Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii oppireeshinii 3ffaan xaa’oo biyyee meetirik toonii kuma 2 fi 370 ol gara biyya keessatti geejjibsiisuun eerameera.

Guyyoottaan 15’n dhufanis dooniiwwan lama tokkoon tokkoo isaanii xaa’oo biyyee meetirik toonii kuma 60 fe’an Jibuutii akka qaqqaban kan eegamu ta’uu ragaan dhaabbatichaarraa argame ni mul’isa.

Dhaabbanni Tajaajila Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii waggoottan sadan darban xaa’oo biyyee yeroo qabamee keessatti geejjibsiisuun milkaa’inaan xumuruu kan yaadatamuudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.