Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti hoggantoonni yakka malaammaltummaan shakkaman to’anno jala oolaa jiru

Finfinnee, 18, 2015 (FBC ) – Naannoo Harariitti hoggantoonni mootummaa yakka malaammaltummaan shakkaman to’annoo seeraa jala oolaa jiraachuu Komishiniin Farra Malaammaltummaa naannichaa beeksiise.

Mootummaan naannichaa dhimmoota qabeenya lafaa, galii, haqaa, Piroojektootaa fi dameewwan bittaarratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu walitti qabaan Koree Farra Malaammaltummaa naannichaa Obbo Ayyuub Ahimad ibsaniiru.

Hoggantoonni, Ogeeyyiin misooma lafaa, Mahaandisoonnii fi ogeeyyiin Faayinaansii Waajjira Misooma lafaa hanna lafaan walqabatee shakkaman to’annoo jala ooluu eeraniiru.

Hojiin qabeenya qaamolee kanneenii qulqulleessuu fi dhorkuu hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Eeruu ummataa bu’uura godhachuun lafa karaa seeraan alaa dabarfame Kaaree Meetira kuma 17 ol gara Baankii lafaatti deebisuun danda’amuu Obbo Ayyuub dubbataniiru.

Kaffaltiin karaa seeraan alaa raawwatamuuf ture miiliyoonni 16 dhorkamuus kaasaniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.