Fana: At a Speed of Life!

Sochiin walitti bu’iinsa kaaba biyyattii karaa nagaan furuuf eegalame gara boqonnaa murteessaatti ce’eera- Obbo Dammaqaa Makonnin

Finfinnee, Mudde 18, 2015(FBC)- Sochiin walitti bu’iinsa kaaba biyyattii karaa nagaan furuuf eegalame gara boqonnaa murteessaatti ce’eera jedhan Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa  Obbo Dammaqaa Makonnin.

Obbo Dammaqaan ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, bu’uurri hojii dippiloomaasii cimaa haala keessoo cimaa ta’e ta’uu eeraniiru.

Sochiin walitti bu’iinsa kaaba biyyattii karaa nagaan furuuf eegalame gara boqonnaa murteessaatti ce’uu eeruun, haala nageenyaa iddoowwan biro fooyyessuufi nageenya lammiilee akkasumas hojiin ittigaafatamummaa mirkaneessuu cimee itti fufa jedhaniiru.

Dippiloomaasiin biyyattii haalota mijatoo biyya keessatti uumaman fayyadamuuniifi hariiroo alaa eegalame jajjabeessuun ergama faayidaa biyyaalessaa eegsisuufi dhageettummaa guddisuu cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.