Fana: At a Speed of Life!

Karoorri akeekkachiisa duraa fi deebii ariifataa Balaa ifoome

Finfinnee, 18 , 2015 (FBC ) – Karoorri akeekkachiisa duraa fi deebii ariifataa Balaa waggoottan saddeettan itti aananiif hojiirra oolu ifoomeera.

Karoorichi sirna of eeggannoo duraa bu’aa qabeessa ta’e diriirsuu, sodaa balaa hordofuu, tilmaamuu, raaguu fi hojiilee teeknooloojiin deeggarame raawwachuu of keessatti hammata jedhame.

Odeeffannoo waliin ga’uu fi tarkaanfii qabatamaa fudhachuun hojiilee ijoo karoorichaa ta’uu eerameera.

Galmi karoora ifoomee hawaasa balaaf hin jilbiiffanne horachuu ta’uu Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Ambaasaaddar Shifarraaw Taklamaariyaam ibsaniiru.

Dhaabbileen waldubbisuun akka hojjetan kan gargaaru ta’uus dubbataniiru.

Karoorichi bu’aa qabeessa akka ta’u qooda fudhattoonni qindoominaan hojjechuu akka qaban Ambaasaaddar Shifarraan gaafataniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.