Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensichaa borii eegalee gara Maqaleetti balallii ni jalqaba

Finfinnee, Mudde 18, 2015 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa guyyaa Borii eegalee gara Maqaleetti balallii idilee kan jalqabu ta’uu beeksiise.

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa Balallii Finfinnee gara Maqalee adda cutee ture Borii jalqabee kan eegalu ta’uu Hojii raawwachiisaa olaanaan dhaabbatichaa Obbo Masfin Xaasaw ibsaniiru.

Waliigaltee nageenyaa Mootummaa fi ABUT gidduutti taasiifame hordofee hojjettoonni Ayiveeshinii gara Maqalee imaluun Buufanni xiyyaaraa Maqalee balalliif mijataa ta’uu mirkaneessuu isaanii Obbo Masfin ibsa laataniin himaniiru.

Daandiin Qilleensichaa Borii eegalee guyyaa balallii idilee tokko kan taasiisu ta’uu eeraniiru.

Fedhii maamiltootaa bu’uura godhachuun lakkoofsi balallii kan dabalu ta’uu himaniiru.

Yisimaaw Adaraawutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.