Fana: At a Speed of Life!

Sharafni alaa Doolaarri miiliyoona 20 seeraan ala walitti qabame uggurame

Finfinnee, Mudde 17, 2015(FBC)- Seeraan ala sharafni alaa Doolaarri miiliyoona 20 walitti qabame ugguramuu Tajaajilli Nageenya Faayinaansii beeksise.

Mootummaan, Ityoophiyaanotaa fi dhalattoota Ityoophiyaa biyya alaa jiraatan hojmaata seeraa herregaa baankii diyaaspooraa baankolee biyyaa keessatti banaaman cabsuun, namoonni dhuunfaa gochaalee seeraan alaarratti bobba’anii argamuu hordoffii tajaajilichi taasiseen mirkaneessuun ibsameera.

Haaluma kanaan tajaajilichi hanga ammaatti hordoffii taasiseen, namoonni dhuunfaa 85 kan keessatti hirmaatan, maallaqni alaa Doolaara miiliyoona 20 fi kuma 226 fi 583tti tilmamamu akka ugguramu taasifamuu fi qorannoo yakkaaf dabarfamuu eerameera.

Yakkichi kan raawwatame tooftaa sanadoota waliin dhahuun ta’uun ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.