Fana: At a Speed of Life!

Jilli mootummaa federaalaa Obbo Taaggasaa Caafoon durfamu Maqaleetti imale

Finfinnee, Mudde 17, 2015 (FBC)-Jilli qondaaltota olaanoo mootummaa federaalaa Afyaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoon durfamu gara Maqaleetti imaleera.

Jilichi Maqaleetti kan imaleef adeemsa hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa hubachuu fi dhimmoota waliigaltechaan ibsaman haala karoorfameen akka raawwatamu taasisuuf ta’uun ibsameera.

Gareen jilichaa waggoota lamaan booda gara Maqaleetti kan imale garee jilaa qondaaltotaa olaanoo mootummaa federaalaa jalqabaa yoo ta’u, waliigaltechi adeemsa gaariirra jiraachuuf argisiistuu ta’uun eerameera.

Gareen jilichaa miseensota Koomishinii Marii Biyyaalessaas kan hammateedha.

Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.