Fana: At a Speed of Life!

Waraanichi umrii fi mul’ata keenya kan hateedha-Dargaggoota Tigraay

Finfinnee, Mudde 16, 2015(FBC)- Waraanni Kutaa Kaabaa Ityoophiyaatti gaggeeffamaa ture daraggootaarratti dhiibbaa kan uumee fi mul’ata isaani kan duubatti deebise ta’uu dargaggoonni dubbatan.

Dargaggoo Kibiroom Gi’uush fi Tasfaa Gabregiyoorgis jiraattota Magaalaa Shiree yoo ta’an, dargaggoota hedduun dhumuu, karooraa fi mul’ata isaanii gufachiisuu ibsu.

Yuunivarsitii Maqaleerraa eebbifamuun Dhaabbata Jaappaanitti miindeffamee hojjechaa kan ture Kibiroom galii argatuun maatii isaa gaggeessa akka ture eera.

Jaappanittis carraa barnootaa argatee wayita qophaa’aa jirutti waraanni mudachuun imala isaas hojii isaa akka gufachiisee dubbata.

“Carra qabeessa ta’een hafe malee waraanichi hiriyootaa koo hedduu kan karaatti hambisee ture” jechuun dubbata.

Waraanichi nama gargaaruurraa gara gargaarsa eeggachuutti kan geeddare ta’uu kan ibsu Kibiroom, karoorri hedduun akka jalaa gufataan hima.

Akkasuma Magalaa Jimmaatti maatii horatee abbaa ilma tokkoo kan ta’e Tasfaanis, hojii mataa isaatiin of bulchaa akka turee fi hojii faashinii fi dizaayiniin hojjechaa akka ture eera.

Jimmaarraa maatii isaa gaafachuuf gara Shire wayita dhufu akka tasaa waraanni eegaluun maatii isaarraas jireenya isaarraas waggoota lamaan darban akka kuteen hima.

Daraggoonni FBC waliin turtii taasisan kunneen, waraanichi daraggoota kanneenis ta’e daa’immanii fi dargagoota hedduu, umrii isaanii mul’ataa isaanii kan karaatti hambisedha jedhu.

Daa’imman sababa koronaan barnoota isaanii addaan kutuu eeruun, kunis yeroon barnoota isaanii akka darbuu taasiseeraa kaasu.

Waraanichi gonkumaa irra deebi’amuu akka hinqabne ibsuun, ummanni Tigraayis kan nuffee fi akka ga’uun dubbatu.

Waliigalteen nageenyaa guutummaatti hojiirraa akka ooluu daraggoonni kunneen gaafataniiru.

Hirphoo Shiboo, Afwarqi Iyyaayyuu, Leeykuun Alamtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.