Fana: At a Speed of Life!

Hawaasa odeeffannoon badhaadhe ijaaruun ergama duraa Faanaa Biroodkaasting Korporeeti – Obbo Admaasuu Daamxoo

Finfinnee, Mudde 15, 2015 (FBC) – Hawaasa odeeffannoon badhaadhe ijaaruun ergama duraa Faanaa Biroodkaasting Korporeet ta’uu Hojii Raawwachiisaa olaanaan dhaabbatichaa Obbo Admaasuu Daamxoon ibsan.

Faanaa Biroodkaasting Korporeet sagantaa Oduu Raadiyoo daqiiqaa 120 har’a eegaleera.

Faanaan dhimmoota diinagdee, Hawaasummaa fi Siyaasa ummataa bu’uura taasiisuun waggoota 28 darbaniif tajaajila laachaa turuu Obbo Admaasuun saganticharratti ergaa dabarsaniin eeraniiru.

Waggoottan 28 har’aa Raadiyoo qofaan hojii kan eegale Faanaan, yeroo ammaa Teeleeviizyiinii fi Miidiyaa Diijitaalaa dabalachuun odeeffannoo ummataaf qaqqabsiisaa jiraachuu eeraniiru.

Bashannansiisaa fi barsiisaa muuxannoo gaariin iddoo garaagaraatti akka babal’atu, rakkooleen ummataa qaama dhimmi ilaallatu bira akka qaqqabuu fi furmaata akka argatu hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Akkasumas hawaasa odeeffannoon badhaadhe ijaaruu keessatti ergama isaa ba’achaa jiraachuu himaniiru.

Sagantaan Raadiyoo daqiiqaan 120 har’a eegales haala addaan dhimmoota hawaasummaarratti kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.