Fana: At a Speed of Life!

Hafteen buqqee mataa waggaa miiliyoona 1.5 lakkoofsise Afaaritti argame

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2012 (FBC) – Hafteen buqqee mataa waggaa miiliyoona 1.5 lakkoofsise naannoo Afaaritti argame.
 
Hafteen buqqee mataa hoomoo irreektas meeshaa bara dhagaa oldowaanii fi ashuuliyaan jedhaman waliin naannoo Afaaritti argameera.
 
Hafteen kun Proojaktii Qorannoo Goonaatini kan argame. Hafteen buqqee mataa argame kun, qaamolee hoomoo irreektas Afrikaa keessatti argamanirra xiqqaadha jedhameera.
 
Abbaan Taayitaa Qorannoo fi Eegumsa Hambaalee Faanaa Broodkaastiing Koorporeetif ibsa ergeen akka beeksisetti, buqqeewwan mataa Goonaatiin argaman lama yammuu ta’aan, sanyummaan isaaniis kan hoomoo irreektasi.
 
Buqqeen mataa argame(590) yoo ta’u, argannoon kunis beekumsa fayyadama meeshaa dhagaa bara hoomoo irreektas bal’isuu keessatti ga’ee qaba jedhameera.
 
Argannoon kun kan ifoome Wiirtuu Qorannoo Dhufaatii Sanyii Namaa Speeynitti argamu keessa kan hojjetan saayintiistii dhalootan Ityoophiyaa ta’an Dooktar Silashii Sammaawii fi Ameerikaa bulchiinsa Saawzarn Koonneektiikatitti qorataa fi proofeesara kan ta’an Dooktar Maaykil Roojarsiin kan duurfamu Proojaktii Qorannoo Goonaatini.
 
Buqqeen mataa jalqaba obbo Ibraahiim Habiibin argame waggaa miiliyoona 1.5 kan lakkoofsise yammuu ta’u, kan lammaffaa ammoo Proofeesar Niikoolaaz Toozin kan argamedha; innis waggaa miiliyoona 1.2 kan lakkoofsisedha.
Kanaan dura hafteen hoomoo irreektas Ityoophiyaatti naannoo Awaash Jiddugaleessaa(Diikaa), Malkaa Qunxurree fi Koonsoo qofatti ture kan argaman.
 
Argannoon ammaa ammoo qorannoo damichaatif odeeffannoo dabalataa gumaachera.
 
Proojaktiin Qorannoo Goonaa Paaliwoo’aantiroopooloojii waggoottan 30n darbaniif qorannoo gaggeessen, meeshaalee dhagaa waggaa miiliyoona 2.6 lakkoofsise, haftee sanyii namaa Ardiipiitiikas Raamiidas waggaa miiliyoona 4.4 lakkoofsise argachuudhan, barruulee idil addunyaarratti maxxansuudhan beekamaadha.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.