Fana: At a Speed of Life!

Miidiyaaleen amantaa ulaagaalee  miidiyaa kabajanii akka hojjetan gaafatame

Finfinnee, Mudde 14, 2015(FBC)- Miidiyaaleen amantaa ulaagaalee  miidiyaa kabajanii akka hojjetan Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa gaafate.

Miidiyaaleen amantaalee duudhaalee gaarii Ityoophiyaanotaa dagaagsuurratti gahee murteessaa qabaachuu mootummaan kan amanu ta’uu abbaan taayitichaa ibsa har’a baaseen ibseera.

Waliin jireenya lammiilee, obbolummaa dagaagsuu, duudhaalee hawaasummaa cimsuu, nageenya waaraafi guddina biyyaa mirkaneessuurratti qooda olaanaa kan taphatan ta’uu bu’uuruma kanaan mootummaanis qoodasaanii kana amanuun dhaabbilee kanneeniif beekamtii laachuufi tumsa taasisaa jiraachuu yaadachiiseera.

Haaluma kanaan miidiyaaleen amantaa barsiifata amantaa hordoftootaa isaanii barsiisaa amantaa biroo kabajuutu irraa eegama. Akkasumas dhimma amantaa dhaabbataniif ala dhimmoota qabiyyee siyaasaa qaban tamsaasuu akka irra hin jiraanneefi dhimmoota jibbiinsaa, waliin jireenya lammiilee booressan, walitti bu’iinsa jajjabeessan, dhiibbaa xiin-sammuufi qaamaa lammiileerraan qaqqabsiisan tamsaasuurraa akka ofqusatan ibsichaan hubachiiseera.

Abbaan taayitichaa komii tibbana miidiyaalee amantaa muraasarratti dhiyaatan ija seeraafi namusa ogummaan qoratee qaamolee haqaaf kan dhiyeessu ta’uu ibseera.

Dabalataan miidiyaalee waliin jireenyaafi nageenya balaarra buusan tamsaasaniifi ergaa itti gaafatamummaa hin qabne dabarsan irratti tarkaanfii kan fudhatu ta’uu yaadachiiseera.

Miidiyaaleen qajeeltoofi kaayyoo dhaabbataniif faallaa gochawwan seeraafi namusa ogummaa cabsan gochaasaaniirraa akka of qusatan abbaan taayitichaa hubachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.