Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Arsii meeshaalee yaalaa deeggarsaan argate

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2012 (FBC) -Yuunvarsiitiin Arsiitti Hospitaalli Riifeeraalaa fi barsiisummaa Asallaa meeshaalee yaalaa garaagaraa Birrii miiliyoona 70 ol baasaan deeggarsan argateera.

Deeggarsi kun dhaabbata tola ooltummaa Swiidiin “Human Brige” jedhamurraa argame jedhame.

Meeshaaleen kunneen meeshaalee teeknooloojii yaala fayyaa hopsitaala riifeeraalichaaf tajaajilu ta’uu preezdaantiin Yuunvarsiitii Arsii Dooktar Dhugumaa Addunyaa himaniiru.

Ityoophiyaatti Daayreektarri “Human Brige” Injiinar Addaamuu Annilay gama isaaniin, deeggarsichi du’aatii haadhoolii fi daa’immanii hir’isuuf shooraa olaanaa qaba jedhaniiru.

Hospitaalichi jiraattoota Arsii fi naannawaa ishee miiliyoona 3.5f tajaajila ni laataa jira jedhame.

Afawarq Iyyaayyuutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.