Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi Piroojektoota Jallisii Aanniisaa Aduun hojjetan 9 ifoomse

Finfinnee, Mudde 13, 2015 (FBC) – Ministeerri Bishaanii fi Inarjii Piroojektoota Jallisii Aanniisaa Aduun hojjetan 9 ifoomseera.

Piroojektoonni misooma Jallisii kunneen baasii Doolaara miiliyoona 5.4 kan hojjetaman ta’uu ministeerichi ifomseera.

Naannoo Oromiyaa, Amaaraa,Kibbaa fi Sidaamaatti hojiirra kan oolan ta’uus eerameera.

Ministeerich ijaarsa Piroojektoota kanneenii har’a naannoo Amaaraa godina Goondar aanaa Fogaraatti jalqabsiiseera.

Ijaarsa Piroojektoonni kanneenii yeroo waggaa tokko hin caalle keessatti xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’u jedhame.

Kutaalee hawaasaa kuma 15 ol fayyadamoo kan taasiisu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Sulxaan Waliin ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.