Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Gadaa duraanii Gujii Aagaa Xaanxanoo boqotan

Finfinnee, Mudde 13, 2015(FBC)- Abbaan Gadaa duraanii Gujii Aagaa Xaanxanoo du’aan boqotan.

Maanguddoon umrii waggaa 78 Aagaa Xaanxanoon akka Lakkoofsa Ityoophiyaa Jalqaba bara 1990 baallii fudhachuun Abbaa Gadaa yoo ta’an, bara 2000tti Abbaa Gadaa Gogeessa Dhallanaatti baalli kennan.

Yuubni Gadaa kun duudhaan, Safuu fi Aadaan Oromoo akka dagaagu nama hojii hedduu hojjetaniidha.

Akkasumas Barnoonni Gadaa Yuunivarsitii keessatti akka kennamuu fi Sirni Gadaa Galmee Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti akka galmaa’uuf hayyuu adda durumman hojjetan keessaa adda duree ta’uun eeramu.

Yubni Aagaa Xaanxanoo Bara 1937 Ardaa Bulee Horaatti dhalatan.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.