Fana: At a Speed of Life!

Jibuutiitti Imbaasiin Ityoophiyaa godaantoonni 39 gara biyyaa akka deebi’an taasiise

Finfinnee, Mudde 13, 2015 (FBC) – Jibuutiitti Imbaasiin Ityoophiyaa godaantoonni rakkoo garaagaraaf saaxilamoo ta’an 39 gara biyyaa akka deebi’an taasisuu beeksiise.

Imbaasichi dhaabbata Godaantootaa idil addunyaa Jibuutiitti argamu waliin ta’uun godaantoonni kunneen gara biyyaa akka deebi’an taasiisuu ibsameera.

Godaantoota kanneen keessa 10 kannaan Yeemanitti haala rakkisaa keessa turuun gara Ityoophiyaa deebi’uuf Jibuutii seenaan yoo ta’an, kan hafan Baha Fagootti ce’uuf erga Jibuutii seenaniin booda yaada isaanii kan jijjiiran ta’uu himameera.

Deebitoota kanneen keessaa 20 kanneen umriin isaanii waggaa 18 gadi ta’e ta’uu ragaan Jibuutiitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.