Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti duulli talaallii dhibee gifiraa Mudde 20, 2015 eegala

Finfinnee, Mudde 13, 2015(FBC)-Naannoo Oromiyaatti duulli talaallii dhibee gifiraa Mudee 20-29, 2015tti akka kennamu Biiroo Fayyaa Oromiyaa beeksise.

Sagantaan leenjii duula talaallii dhibee gifiraa fi ‘COVID-19’ irraatti xiyyeeffate Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Sagantaa kanarraatti Ittaanaa Hogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Mihiratuu Taarraqanyiin dabalatee, hoggantoonni seektaraalee fayyaa godinaalee fi magaalootaa, Abbootiin Gadaa hirmaachaa jiru.

Akka Oromiyaatti talaalli dhibee gifiraa daa’imman waggaa 5 gadii mil 2.6’f akka kennamu Obbo Mihiratuu Taarraqanyi himaniiru.

Dhibee gifiraa ittisuuf duullii talaallii gifiraa daa’imman umriin isaanii waggaa 5 gadii ta’eef godinaalee hunda keessatti Mudde 20-29 akka kennamu ibsameera.

Talaalliin gifiraa yoo sirnaan kenname guutummaatti dhibicha ittisuun ni danda’ama jedhameera.

Gama biraatiin, hawaasa biratti dagannaa dhibee ‘COVID-19’ mul’achaa jiraachuu fi sababa kanaanis dhibichi hammaachaa jira jedhameera.

Hammaachuu dhibichaaf ilaalchi dogogoraa hawaasni talaalli ‘COVID-19’ irratti qabuun talaalamuu dhiisuun sababa guddaa akka ta’e ka’eera.

Gosa vaayirasichaa keessaa Deeltaafi Omikroon kanneen jedhaman hawaasa miidhaa jiraachuus eerameera.

Amartii Tasfaayeetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.