Fana: At a Speed of Life!

Hayyoonni beekumsarratti bu’uureffachuun ijaarsa biyyaaf gahee adda durummaa akka bahatan gaafatame

Finfinnee, Mudde 13, 2015(FBC)- Hayyoonni yaadaa furmaataa beekumsarratti bu’uureffateen ijaarsa biyyaaf gahee adda durummaa isaanii akka bahatan Ministeerri Nageenyaa waamicha dhiyeesse.

“Ijaarsaa fi hayyoota” mata duree jedhuun sagantaan jalqabsiisa marii biyyaalessaa hayyootaa pireezidaantota yuunivarsiitiiwwanii, dhaabbilee qorannoo fi qaamolee dhimmichi ilaallatu biroo hirmaachise gaggeeffameera.

Ministirri Ministeera Nageenyaa Binnaalfi Andu’aalam, waltajjiin marii biyyaalessaa Ityoophiyatti nageenya waaraa mirkaneessuu fi dhimmoota waloo cimsuuf kan kaayyeffateedha jedhameera.

Ijaarsa mootummaa biyya keessaa Ityoophiyaa hinxumuramne jedhanii hayyoonnis yaadamaa siyaasaa walsakaaluu keessaa ba’uun yaada furmaataa beekumsarrattii bu’uureffate dhiyeessuu qabu jedhan.

Ijaarsi biyyaa kan bu’uureffamuu dhaabbilee cimaa fi walabaa ijaaruun yoo dandaameedha jedhanii, hayyoonni gahee olaanaa qaban akka bahatan gaafataniiru.

Mariin biyyaalesaa hayyoota yuunivarsiitiiwwan, koolleejjoota, barsiisotaa fi barattoota manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa, hayyoota dhaabbilee qorannoo fi miseensotaa waldaalee siiviilii kuma 400 ol hirmaachisee fuuldurattii akka gaggeeffamuu eerameera.

Ministirri Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaa gama isanaiin hayyoonni injifannoo duraan argamee fi nagaa fi bilisummaa ogummaa isaaniin ittigaafatama itti fufsiisuu qabuu jhan.

Fiinxaalessummaa fi dallaa sabummaa keessa bahuun Ityoophiyaa hundaaf mijattuu fi badhaatuu dhugoomsuuf ijaarsa dhaabbileerratti gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.

Hayyoonni beekumsa isaanii fayyadamuun hawaasaa hiyyummaa keessaa baasuu fi kallattii jireenyaa fooyya’aa fuulduraa akeekuu akka qaban Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan ibsaniiru.

Maddi:TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.