Fana: At a Speed of Life!

Tarkaanfii olaantummaa seeraa qindaa’aa fudhatamuun nageenya waaraa argamsiisuuf xiyyeeffannoon hojjetama- Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Mudde 12,2015(FBC)- Tarkaanfii olaantummaa seeraa qindaa’aa fudhatamuun nageenya waaraa argamsiisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Ittaanaan Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin ibsan.

Waltajjiin Maree Haala yeroofi Nageenyaa Godina Buunnoo Beddelleetti geggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Itti aanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii dabalatee hoggansi qaamolee nageenyaa Federaalaafi Naannoo akkasumas gaggeessitoonni godinaalee Jimmaa, Iluu Abbaa Booriifi Buunnoo Beddellee irraatti argamaniiru.

Nageenya waaraa kilaastera Oromiyaa lixaaf guutummaa naannichaa mirkaneessuuf tarkaanfii olaantummaa seeraa qinda’aa fudhachuuf qaamolee nageenyaaf hawaasa waliin tahuun akka hojjetamu himameera.

Obbo Awwaluu Abdiin, hawaasni naannichaa nageenya isaa tikfachuuf aarsaa guddaa kanfalaa turuu yaadachiisuun,mootummaanis hojii nageenyaa hojjeteen bu’aawwan jajjabeessaan argamuu ibsan.

Tarkaanfii olaantummaa seeraa qindaa’aa amma fudhatamuunis nageenya waaraa argamsiisuuf xiyyeeffannoon ni hojjetamaa jechuu ragaan kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.