Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni  Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja lixaa humnaa fi maallaqasaaniin ummata tajaajilaa jirachuun ibsame

Finfinnee, Mudde 12,2015(FBC Miseensonni  Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja lixaa humnaa fi maallaqasaaniin ummata tajaajilaa jirachuu Kutaan Quunnamtii Uummataafi Miidiyaalee ajajichaa ibseera.

Miseensonni kunneen, baatii Sadaasaa darbetti  midhaan lafa heektaara 41 ol irraa namoota humna hin qabneef walitti sassaabuun eerameera.

Akkasumas Birrii kuma 600 ol miindaa isaaniirraa walitti buusuun namoota harka qalleeyyiif deeggarsa garaagaraa taasisuu ibsameera.

Kana malees namoota 73f deeggarsa qorannoo  wal’ansa fayyaa fi qorichaa, namoota 21’f immoo  tajaajila Ambulaansii akka argatan taasisaa jiraachuu ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.