Fana: At a Speed of Life!

Koorporeeshinichi teeknooloojii ammayyaan manneen daldalaa fi jireenyaa ijaaruuf

Finfinnee, Mudde 10, 2015 (FBC)- Koorporeeshiniin Manneenii Federaalaa saayitiiwwan ijaarsaa lamatti teeknooloojiiwwan ammayyaa fayyadamuun manneen jireenyaa fi daldalaa ijaaruuf Dhaabbata Oviid waliin waliigaltee mallatteesse.

Waliigaltechaas Hoji gaggeessaa Koorporeeshinichaa Obbo Rashaad Kamaalii fi Hoji Gaggeessaa Dhaabbata Oviid Obbo Yoonaas Taaddasaan mallateessaniiru.

Ijaarsichaas gaggeessuuf teeknolojii ‘Aluminum Form’ fayyadamuun yoo ta’u, gamoowwan manneen jireenyaa fi daldalaaf oolan Finfinnee naannawaa Boolee Omeedaad fi Shoolaatti kan ijaaramu ta’uu ibsameera.

Ijaarsi gamochaa saayitoota lamaanitti abba darbii 12 bilookii 4’n akka ta’ee fi baatiiwan 18 keessatti kan ijaaramee xumuramu ta’uun eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.