Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni kuma 1 fi 162 gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Mudde 10, 2015(FBC)-Ityoophiyaanonni kuma 1 fi 162 Saa’ud Arabiyaatti rakkoolee garaagaraa keessa turan gara biyyaatti deebi’aniiru.

Guyyaa har’aa marsaa sadiin hojii lammiilee deebisuu hojjetameen lammiilee kumni 1 fi 162 deebi’aniiru.

Deebitoota kanneeniif deeggarsaa fi kunuunsa barbaachisaa taasisuun maatiitti akka galaniif hojjetamaa jira jedhameera.

Sadaasa 12, 2015 hojii lammiilee biyya alaarraa deebisuu gaggeeffameen hanga ammaatti lammiileen kumni 14 fi 19 deebi’uu ragaan Minnisteer dhimma Dubartootaa fi hawaasummaarraa aragame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.