Fana: At a Speed of Life!

Dubartiin Uggurameera jechuun sobaan abbaa manaa ishee maallaqa gaaffatte to’atamte

Finfinnee, Mudde 10, 2015 (FBC) – Dubartiin Uggurameera jechuun sobaan abbaa manaa ishee Birrii kuma 150 gaaffatte to’atamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksiiseera.

Kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii aanaa 8 iddoo addaa Sarxii Maariyaamii jedhamutti dubartiin bilbila bilbiluun uggurameera jechuun abbaan manaa ishee Birrii kuma 150 akka galchu gaaffatte to’annoo jala oolteerti.

Namni dhuunfan kun Uggurameera jechuun abbaan manaa ishee lakkoofsa herreegaa isheerratti maallaqa kana galii akka godhu gaaffachuu Poolisiin ibseera.

Maallaqa gaaffatte saffisaan akka galchu jalleewwan ishee abbaa ishee bilbiluun akka sardan taasiisuu himeera.

Abbaan Mana ishees dhimmicha Poolisiif ragaa laachuun hordoffii taasiifamaa tureen namni dhuunfaan tun kan hin ugguramne ta’uu ishee mirkanaa’uu himameera.

Hordoffii taasiifameen dubartittiin tun aanaa 7 Gamoo Shaggar keessatti mana Firaa dhokachuun yaalii kana taasiisaa wayita jirtu to’atamuu Poolisiin ibseera.

Namoota dhuunfaa ishee tumsuun yakka kana keessatti hirmaachaa turan lama waliin to’annoo jala ooluun dhimmi isaanii qoratamaa jiraachuu Poolisiin magalaa Finfinnee himeera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.