Fana: At a Speed of Life!

Gatii gurgurtaa sibiilotaa fi konkolaattota tajaajilaan alaa ta’anirratti fooyyessi taasifame

Finfinnee, Mudde 10, 2015 (FBC)- Dhaabbilee mootummaatti kan argaman sibiilotaa fi konkolaattota tajaajilaan alaa ta’anirratti fooyyassi taasifamuun eerame.

Ministeerri Albuudaa fi Abbaan Taayitaa Bittaa fi Qabeenyaa Mootummaa har’a akka ifomsanitti, dhaabbilee mootummaa federaalaa, naannolee fi bulchiinsa magaalotaatti kan argamu sibiilota fi konkolaattota tajaajilaan alaa, warshaalee oomishtoota sibiilotaaf kallattiin akka dabarfaman baatii Fulbaana keessa ifoomsuun hojiitti seenamuun kan yaadatamuudha.

Haaluma kanaan yeroowwan darbanitti tilmaamni gatii gurgurtaa ba’e gatii qopheessaa, fe’umsaa, buusuu fi geejjibuu faana waan hintilmaamamneef fooyyessi akka taasifamu murtaa’eera.

Bu’uuruma kanaan Istiiliin kiiloo giraamaan Birri 64 ture Birrii 48, Kaast Ayiraniin kiiloo giraamni tokko Birrii 51.75 kan ture Birrii 35’n akka gurguramu murtaa’eera.

Akkasumas maashinarii yookaan konkolaataa daanda’e fi qaamni jijjiirraa konkolaattotaa tajaajilaan ala ta’anii Birrii 51.25 kan ture kiiloo giraamatti Birrii 39 yoo ta’u, almuuniyamiin Birrii 120 ture Birrii 90’n akka gurguramu murtaa’eera jedhame.

Warshaalee oomishtootaa jajjabeessuuf baasiiwwan qopheessuu, fe’uu fi geejjibuu akka barbaachisummaa isaatti, fageenya bakkaa giddu galeeffachuun hir’isi gatii ni taasifama jedhameera.

Ministeerri Albuudaa warshaalee omishtootaa shan waliin mari’achuun fooyyessi gatii sibiilotaa fi konkolaattotaa tajaajilaan ala ta’aniii akka taasise ibsameera.

Minichil Azzazaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.