Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan shanan darbanitti oomisha fooniirraa galii Doolaarri miiliyoonni 41 ol argamuu ibsame

Finfinnee, Mudde 10, 2015(FBC)- Baatiiwwan shanan darbanitti oomisha foonii gabaa alaaf dhiyaaterraa galii Doolaarri miiliyoonni 41 ol argamuu Abbaan Taayitaa Misooma Qonnaa Ityoophiyaa beeksise.

Bara baajataa kanatti oomisha foonii toonii kuma 28 gabaa alaatti erguuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Baatiiwwan shanan darbanitti oomisha foonii gabaa alaaf dhiyaaterraa galii Doolaarri miiliyoonni 41fi kumni dhibbi 8 argamuu Daayrektarri Inispeekshiniifi Sartafikeeshinii Qeeraa abbaa taayitichaa Dooktar Ayyaalewu Shuumat ibsaniiru.

Galichi kan argame oomisha foonii toonii kuma 5fi 900 irraa ta’uu TOI gabaaseera.

Oomishini foonii kun baay’inaan Dubaay, Saa’ud Arabiyaafi Kuweetitti ergamuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.