Fana: At a Speed of Life!

Yakkamtoonni hojjettuu manaa guddattuu umrii waggaa 12 ajjeessan adabbii cimaa waggaa 25 adabaman

Finfinnee, Mudde 10, 2015 (FBC) – Yakkamtoonni hojjettuu manaa guddattuu umrii waggaa 12 ajjeesuun wayita dhoksanii awwaaluuf jedhan to’ataman adabbii cimaa waggaa 25 adabamaniiru.

Yakkamaan Lijaalem Getaachoo Taayyee fi haati warraa isaa Qonjiit Muul’ataa Baqqalaa jedhaman kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftoo aanaa 01 iddoo addaa naannawaa Maangoo jedhamutti Muddee 17,2014 – Amajjii 17, 2014 keessa hojjettuu manaa Asteer Naggasaa jedhamutti meeshaalee garaagaraan reebaa turuun erga ajjeessan reeffa ishee Saanduqaan dhoksuun wayita awwaaluuf jedhan to’annoo jala ooluu isaanii ibsameera.

Shakkamtoonni kunneen to’annoo jala ooluun qorannoon gaggeeffamaa erga ture booda Manni Murtii Olaanaa Lidataa dhaddachi Ramaddii 1ffaan dhaddachi yakka ajjeechaa fi reebicha cimaa murtoof guyyaa har’aatti beellamee ture.

Manni Murticha dhaddacha Muddee 10, 2015 ooleen yakkamtoonni lamaanuu Adabbii cimaa waggaa 25n akka adabaman murteessuu ragaan Ministeera Haqaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.