Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan farra malaanmaltummaa Sadarkaa Oromiyaatti kabajame

Finfinnee, Mudde 10, 2015 (FBC)-Guyyaan farra malaanmaltummaa addunyaa Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti yeroo 17ffaaf mata duree “Malaanmaltummaa irratti qabsa’uun gochaani” jedhuun guyyaa har’aa magaalaa Adaamaatti kabajameera.

Sagaanticharratti Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan dabalatee qondaaltonni hojii mootummaa sadarkaa naannoo fi qooda fudhattoonni biroon nhirmaataniiru.

Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurramaan akka jedhanitti, gochi malaammaltummaa yoo hin lugamamne miidhaa hawaas diinagdeerrran ga’uun itti fufiinsaa biyyaallee gufachiisa.

Kanaaf malaanmaltummaarratti qabsaa’uun jecharraa darbuu akka qabu ibsaniiru.

Komishinarri Koomishinii Naamusaa fi Farra Malaanmaltummaa Oromiyaa Obbo Abdallaa Ogatee Yeroo ammaa mootummaan malaanmaltummaa fi malaanmaltootaaf obsa akka hinqabne kaasanii, adeemsa kana deeggaruun qaamni hundi keesumaa hawaasni hirmaattota gochichaa saaxiluun tumsuu qabu jedhaniiru.

Hawwii Fiqaaduutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.