Fana: At a Speed of Life!

Hojiin suphaa buufata madda anniisa Rappii hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Mudde 10, 2015(FBC)- Hojiin suphaa buufata madda anniisa Rappii hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Buufatichi balfa goggogaarraa anniisaa kan maddisiisu yoo ta’u, hojiin suphaa Istiim Tarbaayinii, jenereetaraafi maashina balfa qulqulleessuu hojjetamaa jiraachuu eerameera.

Hojii gaggeessaan buufatichaa obbo Biruuk Eebbaan, hojiin suphaa kun xumura baatii Onkoloolessaa irraa eegalee hojjetamaa jiraachuu yaadachiisuun, xumura baatii Muddeetti xumuruun buufaticha gara anniisaa oomishuutti deebisuuf hojjetamaa jira jedhan.

Qulqullinni balfaa gara buufatichaa dhufu sadarkaa barbaadamuun gadi ta’uuniifi hanqinni ogeeyyii jiraachuun silkachuu buufatichaaf sababa ta’uu eeraniiru.

Buufatichi yeroo murtaa’eef hojii anniisaa oomishuu addaan kutus guyyaa guyyaatti giddugaleessaan balfa toonii 600 gubaa jiraachuu ibsaniiru.

Buufatichi gara anniisaa oomishuutti wayita deebi’u dandeettii balfa gubuu dabaluun hojii eegumsa naannoofi sirna dhabamsiisa balfaa ammayyaaf gahee isaa kan ba’atu ta’uu eeraniiru.

Meeshaalee jijjiirraa suphaaf dhaabbata Chayinaa Chaayinaa Naashinaal Elektirik Injinariing waliin hojjechaa jiraachuu ibsuusaanii ragaan Humna Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.