Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kaabaa misaayila baalaastikii Jaappaanitti furgugiste

Finfinnee, Mudde 9, 2015 (FBC)- Kooriyaan Kaabaa misaayila baalaastikii lama guyyaa har’aa gara Jaappaanitti furguggisuun gabaafame.
 
Piyoongiyaangi misaayilaa kana kan furguggiste Jaappaan dandeettii ittisaa ishee cimsuuf baajata Doolaara biiliyoona 320 ifoomsuu hordofeeti jedhameera.
 
Dhimmicha ilaalchisuun Ministeerri Ittisaa Jaappaan ibsa baaseen, misaa’eloonni baalaastikii lamaan Kooriyaa Kaabaa kiiloo meetira 500 furguggifamuun naannawaa godina diinagdee Jaappaaniin alatti kufuun beeksiseera.
 
Gamtaan aanga’oota Kooriyaa Kibbaa gama isaaniin, Kooriyaa Kaabaarraa Bulchiinsaa Piyoongiyaangirraa misaa’eloota furguggifaman arguu dubbachuu isaanii RT’n gabaaseera.
 
Aanga’oonni akka jedhanitti loltoonni isaanii Ameerikaa waliin qindoomuun haleellicha fashaleessuuf qophii ta’uu fi haala isaa kanas itti dhiyeenyaan akka hordofan ibsaniiru.
 
Kooriyaan Kaabaa bara baajataa kana qofa misaa’eloota baalaastikii 62 fi misaa’eloota biroo 3 furguggisuu ishee ragaaleen ni mul’isa.
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.