Fana: At a Speed of Life!

Milkaa’inni waliin ga’iinsaa fi hirmaannaa barnootaan mul’ate qulqullina barnootaa mirkaneessuun dabalamuu qaba jedhame

Finfinnee, Mudde 9, 2015 (FBC)-Waggootii lamaan darban milkaa’inni gama waliin ga’iinsaa fi hirmaannaa barnootaan mul’ate qulqullina barnootaa mirkaneessuun dabalamuu qaba jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
 
Yaa’ii Barnootaa Naannoo Oromiyaa 25ffaa Mata duree “Qulqulina barnootaa mirkaneessuun lammii gahoomee fi addunyaarratti dorgomaa tahe haa horannu” jedhun gaggeeffameera.
 
Mootummaan Naannoo Oromiyaa manneen barnootaa ijaaruu qofa osoo hintaane dhalootaa dorgomaa ta’eef xiyyeeffannaa kennuun, daa’imman bu’uura boruurraa kaasee gahoomanii akka guddatan ni hojjetamas jedhan.
 
Ummanni Oromoo waggaa lama keessatti manneen barnootaa kuma 10 ta’an ijaaruun manneen barnootaa kuma 26,400 keessatti barattootni Miiliyoona 12 barnootarra jirus jedhan.
 
Yaa’ii kanaan barnoota safuu sirna barnootaa keessa galchuu, bu’uura boruu cimsu, nyaata barattootaa haala idilaa’een waliin ga’uu, dhiheessii deeggarsa barnootaa fi kitaabileerratti kutannoon hojjechuun murteessaa ta’uu yaa’icharratti Pireezidaanti Shimallis kallattii kaa’aniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.