Fana: At a Speed of Life!

Zaambiyaatti lubbuun lammiilee Ityoophiyaa 27 darbuu gareen qulqulleessu gara Zaambiyaatti qajeele

Finfinnee, Mudde 9, 2015 (FBC)- Ministeerri Dhimma Alaa Zaambiyaa naannawaa Lusaakaatti lammiilee Ityoophiyaa ta’uu kan shakkaman lubbuun namoota 27 darbuu hordofee taatecha gareen qulqulleessu gara Zaambiyaatti qajeeleera.

Ministeerichi Afrika Kibbaa seenuuf imala seeraan alaa taasifamuun lammiilee Ityoophiyaa ta’uu kan shakkaman namoonni 30 Maalaawii gama Kaabaatti jumlaan awwaalamanii argamuu Mootummaan Maalaawii tibba darbe ifoomsuuhordofee Ministeerri Dhimma Alaa naannichaatti garee qulqulleessu erguu yaadachiiseera.

Garechis Mudde 2-8, 2015 turtii Maalaawwiitti taasiseen hoggantoota Ministeeraa Dhimma Alaa Biyyattii, Tajaajila Poolisii Maalaawii, Muummee Tajaajilaa Dhimma Lammummaa Biyyattii waliin mari’achuu ibseera.

Gareen qulqulleessaa Ministeera Dhimma Alaa hoggantoota Mootummaa Maalaawii waliin sadarkaa qorannoo namootaa jumlaan awwaalamanii, dhimmoota shakkamtoota yakkichaa taasisuu irratti mari’achuun himameera.

Akkasumas marii isaaniin Ityoophiyaanota 245 Maalaawiitti hidhaarra jiran hunduu dhiifaman hiikamanii gara biyyaatti akka deebi’aniif waliigalteerra ga’amuu fi ragaaleen dhimma hidhamtootaa garee jilichaaf akka kenname eerameera.

Fuuldurattis hidhamtoota gara biyyaatti haala deebisuun danda’amurratti Dhaabbataa Godaantotaa Idil Addunyaa Maalaawii waliin qindoominaan hojjechuuf waliigalamuun eerameera.

Namoota jumlaan awwalamanii argamanii fi yakkicha keessaa harka qabaachuu kan shakkaman namoonni ja’a to’annoo jala oolfamanii dhimmi isaanii mana murtii olaanaa biyyattiin ilaalamaa jiraachuun ibsameera.

Shakkamtoota hafanis to’achuun seeraaf dhiyeessuuf tattaaffii olaanaan taasifamaa jiraachuu fi gareen jilichaa Maalaawiitti naannawaa awwala jumlaa daawwateera.

Gareen qulqulleessaa Ministeera Dhimma Alaas turtii isaa Maalaawii xumuruun gara Zaambiyaatti qajeeluu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Garechi Zaambiyaattis torban darbe Lusaakaatti Ityoophiyaanota jedhamanii kan shakkaman namoonni 27 du’uu hordofee taatecha kan qoratu ta’uun ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.