Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan sirna viizaa ishee Afrikaanotaaf salphisuun fooyya’iinsa argisiisuu Baankiin Misooma Afrikaa akeeke

Finfinnee, Mudde 7, 2015(FBC)- Ityoophiyaan waggoottan 6’n darban jechuunis bara Faranjootaa 2016-2022 sirna viizaa ishee Afrikaanotaaf caalmaan salphisuun ulaa ishee banuun fooyya’iinsa argisiisuu gabaasni Baankiin Misooma Afrikaa akeeke.

Afrikaatti biyyoonni muraasni bara 2016 fi 2022 gidduutti sirnaa viisaa isaanii banuun caalanii mul’achuu gabaasni baankichaa ni mul’isa.

Kunis irra jireessaan eeyyamoota seensa biyyaa banaa taasisuu keessatti akka dabalamtu akka taate ibseera.

Waliigalaan tuuristonni biyyoota muraasaa viisaa akka argatan yoo gaafatan tokko tokko ammo viisaa walabaa fi yeroo turtii isaanii dheeressuuf beeksisaa turuu yaadachiiseera.

Dabalataan, haala duraanii caalaa biyyoonni hedduun filmaataa wayita dhaqqaban viisaan akka argisiisan yookaan viisaa elektirooniksii akka dhiyeessan dandeessisu fayyadamuu gabaasichii eereera.

Afrikaa Bahaa keessaa baay’ina tuuristootaa fooyya’aan Ityoophiyaan qofti kan eeramte yoo ta’u, waggoota ja’a keessatti Afrikaa keessaa tuuristoota fooyya’oo kan argatan biyyoota 18 keessa tokko ta’uu ishee himameera.

Haaluma kanaan bara Faranjootaa 2016 eegalee Afrikaa Bahaa keessaatti guddina fooyya’aa kan argisiiste Ityoophiyaan arditti keessaa biyyoota raawwii fooyya’aa qaban 20 keessaa sadarkaa 17ffaarratti akka argamtu ibsameera.

Kunis weerara vaayirasii koronaa hordofee bara Faranjootaa 2021tti sadarkaa dhabdee turte irraa deebiin akka argattu taasiseera.

Bara 2016 hanga 2022’tti baay’ina tuuristootaa fooyya’aa galmeessuun biyyoonni adda duree ta’an shan biyyoota Afrika Lixaa jechuunis Beenii, Gaanaa, Naayijeeriyaa fi Gaambiyaa ta’uun eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.