Fana: At a Speed of Life!

Moorokoon murteessaa kubbaa miilaa tapha walakkaa xumuraa gaggeessan komatte

Finfinnee, Mudde 7, 2015 (FBC) – Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Moorokoo murteessaa Kubbaa Miilaa tapha Moorokoon Faransaay waliin taasiste gaggeessan irratti komii dhiyeessite.

Komii kanas Waldaa Federeeshiinii kubbaa miilaa addunyaa FIFA’f dhiyeessiteerti.

Tapha yeroo jalqabaaf Moorokoon biyyoota Afrikaa irraa walakkaa xumuraa geesse kana Faransaayiin 2fi 0’n injifatamuun kan yaadatamuudha.

Gareen Moorokoo murteessaan lammii Meeksikoo Sezaar Raamos boqonnaa dura taphataan Faransaay yeroo Hernaandez fi kan Moorokoo Sofiyaan Bufaal waliin walitti bu’etti penaalitiin isaaniif kennamuu akka qabu ibsan.

Haa ta’u malee murteessaan taphaa akka taphataan Moorokoo Bufaal dogongora taphaa (foul) raawwatetti murteessan.

Federeeshiniin Moorokoo ‘’ija ispeeshaalistoota murteessaa kubbaa miilaan murtee garee Moorokoo rukkaa addabbii lama dhabsiise akka qoratan qaama ilaallatuuf barreessineerra,’’ jechuun ibse.

Taphattoonni kubbaa miilaa hedduun dogongorri Buufanirratti raawwatame rukkuttaa adabbii ta’uu qaba ture jechuun qeeqaniiru.

Leencota Atilaas jedhamanii kan beekaman taphattoonni garee Morookoo gaafa Sambataa Korishiyaa waliin sadarkaaf taphatu.

Beeljiyeem, Ispeenii fi Poorchugaal injifachuun sadarkaa kana kan geesse Moorokoon yoo injifatte biyya Afrikaa jalqabaa Waancaa Addunyaarratti Nahaasa argatte taati.

Hoggantoonni biyyoota biroollee osoo hin hafiin ga’umsa gareen Moorookoo argarsiisan dinqisiifataniiru.

Pireezidantiin Faraansaay Imaanu’eel Maakiroon gareen kubbaa miilaa Moorokoo dorgommii Waancaa Addunyaarratti seenaa dalaganiif galateeffatan.

‘’Michuuwwan keenya warri Morookoon sadarkaa miidhagaa kanarra qaqqabuu keessaniif baga gammaddan. Kubbaa miilaa keessatti seenaa dalagdaniittu,’’’ jechuun ibsaniiru.

Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayiden,’’ milkaa’inni gareen kun gonfate wayita ilaalamu qalbii namaa kan booji’udha,’’ jechuun jajaniiru.

Taphataan sarara fuulduraa Faransaay Kiliyaan Mibappee, waayila isaa kilaba kubbaa miilaa Faransaay PSG’f taphatu Asharaaf Hakiimiin akkas jedhe: ”namni kamiyyuu kan isin hojjattaniin ni boona, seenaa hojjattan,’’ jedheen.

Maddi:-BBC

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.