Fana: At a Speed of Life!

Iiraan tatamsa’ina Vaayrasii Koroonaa to’achuuf hidhamtoota kuma 54 yeroof hiikte

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2012 (FBC) – Iiraan tatamsa’ina Vaayrasii Koroonaa to’achuuf lammiilee mana sirreessaa keessa jiran kuma 54 yeroof hiikuu ishee dhaga’ame.
 
Hidhamtoonni kunneen qorannoo taasifameen Vaayrasicharraa bilisa ta’uu isaanii erga mirkanaa’ee wabiin ba’uu dubbii himaan Mana Murtii biyyattii Gaahoolaamhooseen Isimaa’eel dubbataniiru.
 
Murteen kun namoota nageenya waliin walqabatee hidhamanii fi murteen waggaa 5 ol irratti darbe kan hin daballanneedha jedhan.
 
Gama biraan bara Faranjootaa 2016 yakka basaastummaan waggoottaan shanan darbaniif mana sirreessaa keessa kan turte hojjettuun tola ooltummaa lammiin Briitaaniyaa fi Iiraan Naaziiwaan Zaagiiraa Raatikliif yeroo dhiyootti gadi lakkifamuu dandeessi jedhameera.
 
Maddi:-BBC
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.