Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaa Aanaa Adaabbaatti baalli sammuu namaa hadoochu lafa hektaara 0.25 irratti oomishame dhabamsiifame

Finfinnee, Mudde 6, 2015 (FBC) – Godina Arsii Lixaa Aanaa Adaabbaa Ganda Qooma Waxichootti baalli sammuu namaa hadoochu lafa hektaara 0.25 irratti oomishame eeruu ummataan dhabamsiifamuu waajjiri Poolisii Aanicha beeksiise.

Hawaasni Aanichaa qaamolee oomisha sammuu namaa miidhu oomishan saaxiluu akka qaban Waajjirichatti Qindeessaan Divizhinii Nageenya Naannoo Mirkaneessuu Gargaaraan Inispeektaraa Dawuud Bundhii akka gaafataniiru.

Eeruu hawaasni laateen baala sammuu adoochu kana buqqisuun gubuun danda’amuui himaniiru.

Jiraattoonni qaamolee baala sammuu adoochu oomishuun godinicha nageenya dhorkuuf tattaafatan akka saaxilan Daaryektarri Qajeelcha Poolisii Godinichaa Gargaaraan Komishinara Dooktar Geetaachaw Ittaanaan waamicha dhiyeessuu ragaan Qajeelacha Poolisii Godina Arsii Lixaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.