Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitichi Qajeelfama Sirna Korniyaa fi Ofitti Amanamummaa” irratti leenjii kenne

Finfinnee, Mudde 6, 2015 (FBC) – Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa dubartootaa fi gaggeessitoota sadarkaa adda addaarra jiraniif Qajeelfama Sirna Korniyaa fi Ofitti Amanamummaa” irratti leenjii kennaa jiraachuu ibse.

Dhiironnii fi dubartoonni guddinna biyyaatiif gahee qixa kan qaban ta’uun leenjichaan ibsameera.

Kaayyoon leenjichaas “Qajeelfama Sirna Korniyaa” fi “Ofitti Amanamummaa” irratti hubannoo uumuu fi kutaalee hojii yuunivarsiitichaa hunda keessati bifa walfakkaatuun hojiirra oolchuuf ta’uu Daayreektarri Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Aadde Tiqidam Dassaalanyi ibsaniiru.

Dubartoonni guddinna biyyaatiif gahee olaanaa qabaatanis, hojii walfakkaatu yoo hojjatan walqixa kaffaltii argachuu akka qaban Itti aanaan Pireezidaantii Dhimmoota Bulchiinsaa fi Misoomaa Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Dooktar Riyaad Daawud ibsaniiru.

Leenjicha godinaalee Oromiyaa hundaa keessaati babal’isuuf karoorri qabamuu Dooktar Riyaad himaniiru.

Kennasaa Amanteetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.