Fana: At a Speed of Life!

-Lakkoofsa afaan hojii federaalaa dabaluun, biyya afaanota hedduu qabdu ijaaruu dandeessisa

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2012 (FBC) –Lakkoofsa afaan hojii federaalaa dabaluun, biyya afaanota hedduu qabdu ijaaruu dandeessisa jedhan hayyoonni. 

Manni Maree Ministirootaa Sanbata darbe misooma afaan dabalataa raggaasisuun isaa ni yaadatama.

Dhimmicharratti hayyoonni Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turmaata taasisanis, afaanota dabalataa afaan hojii federaalaa gochuun tokkummaa biyyaa jabeessuun, sabdaneessummaa cimsa jedhan.

Yaanvarsiitii Finfinneetti daayreektarri Akkaadaamii Afaanotaa fi Aadaa Dooktar Mulgeetaa Siyyuum afaan hojii heddummaachun tokkummaa fi waliigaltee biyyoolessaatif ga’ee qaba jedhu.

Garaagarteewwan araarsudhaan xinsammuu sabdaneessummaa daran cimsa jedhan.

Yuunvarsiitii Finfinneetti qorataan sabdaneessummaa Dooktar Hayraddiin Tazarraan murtichi sabdaneessummaa biyyaa cimsuuf gumaacha qaba jedhu.

Carraa hojii bal’inaan uumuu, tokkummaa biyyaa fi sabdaneessummaa caalmaan dhugoomsuuf afaan hojii dabalataa ni barbaachisa jedhu.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.